Surah 62 · 11 verses · Ghali Apapur Apaghuna
Surah Al-Jumu'ah in Oromo
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ ٱلۡمَلِكِ ٱلۡقُدُّوسِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa Rabbii mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa ta'e qulqulleessa
هُوَ ٱلَّذِي بَعَثَ فِي ٱلۡأُمِّيِّـۧنَ رَسُولًا مِّنۡهُمۡ يَتۡلُواْ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتِهِۦ وَيُزَكِّيهِمۡ وَيُعَلِّمُهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَإِن كَانُواْ مِن قَبۡلُ لَفِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa ta'e, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara'u, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedhaIsaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa ta'e keessa turan
وَءَاخَرِينَ مِنۡهُمۡ لَمَّا يَلۡحَقُواْ بِهِمۡۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
(Ummata) biroos kan isaan irraa ta'anii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge)Inni injifataa ogeessa
ذَٰلِكَ فَضۡلُ ٱللَّهِ يُؤۡتِيهِ مَن يَشَآءُۚ وَٱللَّهُ ذُو ٱلۡفَضۡلِ ٱلۡعَظِيمِ
Kun tola RabbiitiIsa abbaa fedheef kennaRabbiinis abbaa tola guddaati
مَثَلُ ٱلَّذِينَ حُمِّلُواْ ٱلتَّوۡرَىٰةَ ثُمَّ لَمۡ يَحۡمِلُوهَا كَمَثَلِ ٱلۡحِمَارِ يَحۡمِلُ أَسۡفَارَۢاۚ بِئۡسَ مَثَلُ ٱلۡقَوۡمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِۚ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isa hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuutiFakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan fokkataa dha! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu
قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ هَادُوٓاْ إِن زَعَمۡتُمۡ أَنَّكُمۡ أَوۡلِيَآءُ لِلَّهِ مِن دُونِ ٱلنَّاسِ فَتَمَنَّوُاْ ٱلۡمَوۡتَ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif du'a hawwaa" jedhiin
وَلَا يَتَمَنَّوۡنَهُۥٓ أَبَدَۢا بِمَا قَدَّمَتۡ أَيۡدِيهِمۡۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِٱلظَّٰلِمِينَ
Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha yoomuu isa hin hawwanuRabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha
قُلۡ إِنَّ ٱلۡمَوۡتَ ٱلَّذِي تَفِرُّونَ مِنۡهُ فَإِنَّهُۥ مُلَٰقِيكُمۡۖ ثُمَّ تُرَدُّونَ إِلَىٰ عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
(Yaa Muhammad! ammas yahuudotaan): "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun isinuma argataErgasii gara beekaa fagoofi dhihoo ta'eetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima" jedhiin
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا نُودِيَ لِلصَّلَوٰةِ مِن يَوۡمِ ٱلۡجُمُعَةِ فَٱسۡعَوۡاْ إِلَىٰ ذِكۡرِ ٱللَّهِ وَذَرُواْ ٱلۡبَيۡعَۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٌ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaaYoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala
فَإِذَا قُضِيَتِ ٱلصَّلَوٰةُ فَٱنتَشِرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَٱبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَٱذۡكُرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ
Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa faca'aa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaaAkka milkooftaniif jechas baay'inaan Rabbiin faarsaa
وَإِذَا رَأَوۡاْ تِجَٰرَةً أَوۡ لَهۡوًا ٱنفَضُّوٓاْ إِلَيۡهَا وَتَرَكُوكَ قَآئِمًاۚ قُلۡ مَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٌ مِّنَ ٱللَّهۡوِ وَمِنَ ٱلتِّجَٰرَةِۚ وَٱللَّهُ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Yeroo daldala yookiin tapha wahii argan dhaabiitti si dhiisanii gara isaaniitti faffaca'u; "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caalaRabbiinis Irra caalaa arjootaati" jedhiin
Translation: Ghali Apapur Apaghuna.