Surah 66 · 12 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah At-Tahrim in Oromo

In English with tafsir

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

66:1

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ لِمَ تُحَرِّمُ مَآ أَحَلَّ ٱللَّهُ لَكَۖ تَبۡتَغِي مَرۡضَاتَ أَزۡوَٰجِكَۚ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Yaa Nabiyyichaa! Maaliif haadholee manaa kee jaalachiisuu barbaaddee waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha

66:2

قَدۡ فَرَضَ ٱللَّهُ لَكُمۡ تَحِلَّةَ أَيۡمَٰنِكُمۡۚ وَٱللَّهُ مَوۡلَىٰكُمۡۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ

Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuu keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseeraRabbiin gargaaraa keessaniInni beekaa ogeessa

66:3

وَإِذۡ أَسَرَّ ٱلنَّبِيُّ إِلَىٰ بَعۡضِ أَزۡوَٰجِهِۦ حَدِيثًا فَلَمَّا نَبَّأَتۡ بِهِۦ وَأَظۡهَرَهُ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ عَرَّفَ بَعۡضَهُۥ وَأَعۡرَضَ عَنۢ بَعۡضٍۖ فَلَمَّا نَبَّأَهَا بِهِۦ قَالَتۡ مَنۡ أَنۢبَأَكَ هَٰذَاۖ قَالَ نَبَّأَنِيَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡخَبِيرُ

Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara galeYeroo inni isheetti himus “eenyutu kana sitti hime” jette"Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen

66:4

إِن تَتُوبَآ إِلَى ٱللَّهِ فَقَدۡ صَغَتۡ قُلُوبُكُمَاۖ وَإِن تَظَٰهَرَا عَلَيۡهِ فَإِنَّ ٱللَّهَ هُوَ مَوۡلَىٰهُ وَجِبۡرِيلُ وَصَٰلِحُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ بَعۡدَ ذَٰلِكَ ظَهِيرٌ

Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama)Onneen lamaan keessanii dhugumaan dabdeettiYoo isa irratti wal gargaartanis Rabbiin isatu gargaaraa isaatiJibriiliifi gaggaariin Mu'uminaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati

66:5

عَسَىٰ رَبُّهُۥٓ إِن طَلَّقَكُنَّ أَن يُبۡدِلَهُۥٓ أَزۡوَٰجًا خَيۡرًا مِّنكُنَّ مُسۡلِمَٰتٍ مُّؤۡمِنَٰتٍ قَٰنِتَٰتٍ تَٰٓئِبَٰتٍ عَٰبِدَٰتٍ سَٰٓئِحَٰتٍ ثَيِّبَٰتٍ وَأَبۡكَارًا

Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa haadholee manaa kan isin irra caalan, Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, kan soomanu, kan gursummeeyyiifi durba ta'an bakka isaaf buusuun ni kajeelama

66:6

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ قُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ وَأَهۡلِيكُمۡ نَارًا وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلۡحِجَارَةُ عَلَيۡهَا مَلَٰٓئِكَةٌ غِلَاظٌ شِدَادٌ لَّا يَعۡصُونَ ٱللَّهَ مَآ أَمَرَهُمۡ وَيَفۡعَلُونَ مَا يُؤۡمَرُونَ

Yaa warra amantan! Lubbuu keessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isii namootaafi dhagaa heddu ta'e, irraa eegaaIsheerra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo ta'antu jiruWaan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu; waan ajajamanis ni hojjatu

66:7

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَا تَعۡتَذِرُواْ ٱلۡيَوۡمَۖ إِنَّمَا تُجۡزَوۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ

Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin mindeeffamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu)

66:8

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ تُوبُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ تَوۡبَةً نَّصُوحًا عَسَىٰ رَبُّكُمۡ أَن يُكَفِّرَ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَيُدۡخِلَكُمۡ جَنَّٰتٍ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ يَوۡمَ لَا يُخۡزِي ٱللَّهُ ٱلنَّبِيَّ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥۖ نُورُهُمۡ يَسۡعَىٰ بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَبِأَيۡمَٰنِهِمۡ يَقُولُونَ رَبَّنَآ أَتۡمِمۡ لَنَا نُورَنَا وَٱغۡفِرۡ لَنَآۖ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ قَدِيرٌ

Yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti deebi'aaGuyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelamaHaala isaan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti danda'aa dha" jedhanuun ifti isaanii fuuldura isaaniitiifi mirga isaanii deema

66:9

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ جَٰهِدِ ٱلۡكُفَّارَ وَٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱغۡلُظۡ عَلَيۡهِمۡۚ وَمَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ

Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa'ii isaan irrattis cimiTeessoon isaaniis ibidda JahannamiDeebichi akkaan fokkate

66:10

ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ ٱمۡرَأَتَ نُوحٍ وَٱمۡرَأَتَ لُوطٍۖ كَانَتَا تَحۡتَ عَبۡدَيۡنِ مِنۡ عِبَادِنَا صَٰلِحَيۡنِ فَخَانَتَاهُمَا فَلَمۡ يُغۡنِيَا عَنۡهُمَا مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔا وَقِيلَ ٱدۡخُلَا ٱلنَّارَ مَعَ ٱلدَّٰخِلِينَ

Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godheGabroota keenya gaggaarii gidduu gabroota lama jala turanii isaan gananIsaan lamaanis (Nuuhifi Luux) adabbii Rabbii irraa isaan hin duroomsine"Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen

66:11

وَضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱمۡرَأَتَ فِرۡعَوۡنَ إِذۡ قَالَتۡ رَبِّ ٱبۡنِ لِي عِندَكَ بَيۡتًا فِي ٱلۡجَنَّةِ وَنَجِّنِي مِن فِرۡعَوۡنَ وَعَمَلِهِۦ وَنَجِّنِي مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ

Ammas Rabbiin isaan amananiif niitii Fir'awni fakkeenya godheYeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Fir'awniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette

66:12

وَمَرۡيَمَ ٱبۡنَتَ عِمۡرَٰنَ ٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتۡ بِكَلِمَٰتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِۦ وَكَانَتۡ مِنَ ٱلۡقَٰنِتِينَ

Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera)Ruuhii (uumaa) keenya irraa ta'es isa keessatti afuufneJechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsiteWarra Rabbiif ajajamu irraas taate

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.